ONM-ABO Adoolessa 31, 2024
Humnootni waraana gabroomfataa PP imaltoota daandii deeman hundumaa kaffaltii seeraan alaa dirqisiisuun irraa fuudhaa fi konkolaachistoota akeekkachiisanii saamaa akka jiran jiraattonni godina Lixa Shaggar ONM’tti himan.
Akka odeessi gama imaltootaa fi konkolaachistoota biraa ba’ee nu dhaqqabe addeessutti, imaltoonni maaliif maallaqa seeraa kan waraqaa irra jiru nurraa hin fuutan jedhanii yeroo gaafatanitti, dirqama dhibbentaan qarshii tiraafikoota, milishootaa fi waraana faashistii PP’f waan kaffalluuf isaantu hawaasa irraa fuudhaa jedhee ajaja nutti kenne jechuun dubbatu.
Yoo nuti hin kaffallu ta’e sababa tokko malee nu adabu jechuunis kan himan konkolaachistoonni, keessattuu konkolaachistoonni aanaa Baakkoo fi Amboo gidduu deddeebi’an haala hamaa keessa jiraachuu himan.
Milishoonni magaalaa keessa deddeebi’an dhaqaa galatti qarshii nu saamu kan jedhan konkolaachistoonni daandii Baakkoo fi Amboo gidduu hojjetan, haalli ittiin hojjennu nutti ulfaatee jira, yoo nuti kun maaliif ta’a jennes hariiroo WBO qabdu jechuun nu doorsisu jechuunis ONM’tti himaniiru.



