• Thu. Sep 24th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haanaa keessatti hidhaan maqa WBO deggertuun hammaate

Jul 31, 2024

ONM-ABO Adoolessa 31, 2024

Sirni abbaa irree Abiy Ahimed yeroo gara aangootti dhufe, qorannu malee hin hiinu namni badiisaa malees hin gaafatamu jechuun uummata kijibaa ture, waadaa uummataa ganuun faallaa jecha isaatti kan argamu bilxiginnaan, Oromiyaa dirree dhiigaa gochuun bakka dhiitamiinsi mirga namoomaa itti raawwachaa oolu taasiseera.

Haaluma kanaan Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa keessattis gochi hammeenyaa kun cimee itti fufuun, magaalaa fi gandeen baadiyyaa naannichaarra jiran maqaa WBO deggertu jedhu itti maxxansuun yeroo ammaa waajjira Poolisii aanaa Daaboo Haannaa keessatti namoonni 52 ol kan argaman yoo ta’u, balleessaa qabaataniif osoo hin taane bakkeewwan hojii isaanii irraa qabamuun gaaffii seeraa tokko malee baatii 5 hanga 9 olii kanneen mana hidhichaa keessatti hirarfamaa akka jirantu himame.

Gochi faallaa seeraa aanaa Daaboo Haannaa keessatti dalagamaa jiru hedduu yaaddessaa ta’uun, maddi keenya odeessa waajjira Poolisii aanaa Daaboo Haannaarraa  nuuf himeera.

Namoota hedduu hidhamanii dararaa argaa jiran keessaa kanneen maqaan isaanii nu ga’e; Galataa Firrisaa, Hasan Kamaal, Geexuu Takkaa, Masgabuu Biraanuu, Baacaa Ittafaa, Bacarraa Fiqaduu, Jaallataa Ayyaanaa, Dhaabaa Darajjee fi Dassuu Ittafaa kanneen jedhaman ta’uun barameera. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading