ONM-ABO Adoolessa 27, 2024
Waraanni bilxiginnaa maqaa eegumsa imphaayerattiin falaasama garboomfattoota kaleessaa qabatanii dararaa raawwatan kan durii caalmaatti namoota nagaa hiraarsuun hidhuu, saamuu fi ajjeesuun mootii jabaa of taasisuuf hojjetaa jiru.
Bifuma kanaanis Adooleessa 25, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu bulchiinsa magaalaa Gooriitti waraanni gabroomfataan PP magaalaa keessatti namoota nagaa homaa siyaasa keessaa harka hin qabne maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qabdu jedhuun reebicha jabaa erga irratti taasisaniin booda harka isaanii dudduubatti hidhuun mana hidhaatti darbanii jiraachuun ifoomeera.
Namoonni hidhamanii jiranis maqaan isaanii kan nu ga’e: Dajanee Fiqaaduu, Magarsaa Doktooree, Taammiraat Nagaraa fi Bijigaa Solomoon kanneen jedhaman ta’uu fi sababa reebicha ulfaataa irratti raawwataniifis miidhamanii yaaliin osoo hin godhaminiif mana hidhaatti rakkachaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Kaayyoo fi ilaalchi bilxiginnaa olaantummaa aangoo isaanii mirkaneeffachuu fi ilaalcha sabboonummaa Oromummaa jedhu balleessuuf gochoota badii isaanii raawwachuu itti fufuun isaanii sirnichi gara badiisaatti akka deemaa jiru agarsiisa jechuunis jiraattonni dabaluun himan.


