• Sat. Jan 10th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee irraa waraanni raayyaa ittisa imphaayerattii sabaan Amaaraa ta’an lama hidhannoo guutuu waliin gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatan

Jul 31, 2024

ONM-ABO Adoolessa 28, 2024 Sirni imphaayera Itiyoophiyaa hundee isaa gadi jabeessee dhaabuuf jecha sabaa fi sablammoota imphaayerattii hunda hiraarsuun mirga hiree ofiin murteeffannaa isaanii mulqee dargaggoota humnaan qabuun gara leenjii waraanaatti ergaa kan jiru yommuu ta’u, kanneen sirnichi nama nyaataa ta’uu isaa baran mooricha gadi dhiisanii ba’aa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan, Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee irraa waraanni raayyaa ittisa imphaayerattii lama kan sabaan Amaaraa ta’an Adoolessa 24, 2024 Waraana Bilisummaa Oromootti fedhii isaaniin harka kennatanii jiraachuun ibsameera.

Hoggaa Waraana Bilisummaa Oromootti dhufan mooraa diinaa keessaa, qawwee AKM 2 fi hidhannoo mudhii guutuu, boombii F1 shan, rasaasa gumbii 8 kan 240 qabu fiduun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhanii jiraachuun himameera.

Akka waraanni kun jedhanitti, “ilmaan Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa adda addaa akka raawwannuuf dirqamni nutti kennama, osoo hin jaallatin uummata irratti reebicha, saamicha, ajjeechaa, mana gubuu fi qe’eerraa godaansisuu irratti raawwataa oolla, osoo sammuun keenya itti hin amanin haala hin beekamneen itti seenne jechuun gocha isaaniitti gaabbuu ibsan.

Amma mooraa sana keessaa baanee fedhii keenyaan osoo qunnamtii tokkollee hin qabaatin Waraana Bilisummaa Oromootti harka keenya kennanne, kunuunsa nuuf godhame hundaaf gammachuu guutuu qabna, WBO’n dhuguma loltuu haqaatis jedhan. 

Dhaamsi nuti qabnu immoo, kanneen mooraa waraana imphaayerichaa keessa jirtan, keessaayyuu ilmaan Oromoo qawwee fi hidhannoo keessan fidaatii WBO’tti harka kennadhaa, yoo dhufuu baattan illee mooricha keessaa ba’aa” jechuun turtii isaanii mooraa diinaa keessatti dabarsaniif gaabbuun loltoota achitti hafaniifis dhaamsa dabarsanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading