ONM-ABO Adoolessa 30, 2024
Haleellaan diroonii Israa’el kibba Libaanos keessatti waldhabdeen biyyoota daangaa irra jiran gidduutti hammaataa dhufeen taasisteen lubbuu namoota lama galaafate jedhame.
Haleellaan Israa’el kun haleellaa rookkeettii Sanbata darbe raawwatame kan Israa’el akka jettutti daa’immanii fi dargaggoota 12 Gaara Golaan Israa’el dhuunfatte keessatti ajjeesuu hordofee tarkaanfii ajjeechaa jalqabaati. Haleellaan kun waraanni Gaazaa gara waldhabdee naannootti guddachuu sodaachisaa jira jechuun yaaddoo dabaleera.
Miidiyaaleen mootummaa Libaanos akka jedhanitti, haleellaan tokko doqdoqqee daangaatti dhihoo jiru rukutee konkolaachiftoota lama ajjesuu fi daa’ima tokko madeessuu ibsaniiru. Kibba Libaanos keessatti haleellaa adda ta’een namoonni lama madaa’aniiru.
Waraanni Israa’el hojjettoota Hizbullaah fi bu’uuraalee misoomaa rukuteera jedheera garuu odeeffannoo dabalataa hin kennine.
Israa’el haleellaa rookkeettii dhuma torbee kanaa raawwatameef Hizbullaah komatteetti. Lamaan isaanii ji’oota dheeraaf duula dheeraa diinummaa sadarkaa gadi aanaa daangaa ce’anii wal irratti raawwachuu hordofaa turan.
Gareen hidhattoota Libaanos Iraan waliin hiriiree fi Gaazaa waliin gamtoomee Israa’el irratti haleellaa itti fufuuf waadaa seene itti gaafatamummaa isaa haaleera.
Dilbata galgala kaabineen nageenyaa Israa’el mootummaan Muummicha Ministeeraa Beeniyaamin Netaaniyaahuu akka haaloo ba’uuf hayyama kenneera.
Gaazexaan guddaan Israa’el Yediyot Ahronot qondaaltota Israa’el maqaan isaanii hin ibsamne wabeeffachuun deebii Israa’el kennitu “daangeffamaadha garuu guddaa” ta’a jedheera jechuun Aljezeeraan gabaaseera.


