ONM-ABO Adoolessa 30, 2024
Gaaffii uummata Oromoo karaa sirrii fi seera- qabeessa ta’een deebisanii uummata nagaa dheebotetti boqonnaa gochuu irra humna waraanaa fayyadamuun guyyuu dhiigni namoota nagaa siyaasa keenyatti buutan jedhamuun akka bishaanii loltoota PP’n dhangala’aa oola.
Hayyoota Oromoo dabalatee dhaabbilee falmitoota mirga dhala namaa keessaa fi ala jiran tuffachuu, rakkoo uummanni Oromoo keessa jiru akka addunyaa irratti hin baane gochuun Kolonel Abiy Ahimed turtii aangoo isaa dheereffachuuf jecha qe’ee uummata nagaa boqonnaa dhorkachuun dararama dheeressee jira.
Guyyaa kaleessaa Adoolessa 29, 2024 Kaaba Shaggar aanaa Hidhabuu Abootee ganda Gidaaboo Goorgisii jedhamu keessatti namoota nagaa murni bilxiginnaa ilaalchaa WBO qabdu jechuun dargaggoo tokkoo fi maanguddoo tokko haala suukkanneesaa qorqalbii hawaasaa jeequun ija hawaasaa duratti cuupheen qaqqalanii ajjeesuu jiraattonni gandichaa dubbatu.
Namoonni ajjeefaman kunneenis maqaan isaanii Addisuu Nugusuu daa’ima umuriin 16 fi maanguddoo umuriin 63 abbaa ijoollee afurii akka ta’an jiraattonni kunneen ibsaniiru.

