• Tue. Jan 13th, 2026

Ministeerri Haajaa Alaa Chaayinaa sirna misaa’ela addaan kutu  U.S. bobbaaste irratti Filippiinsiin akeekkachiise

Jul 31, 2024

ONM-ABO Adoolessa 27, 2024

Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yi Jimaata kaleessaa ministeera haajaa alaa Filiippiinsii Henerik Maanaaloo waliin wal arguun, bobbii sirna misaa’ela addaan kutu U.S. bobbaaste irratti Filippiinsiin akeekkachiisan.

Wang miseensa Biiroo Siyaasaa Koree Giddugaleessaa Paartii Koominiistii Chaayinaa kan ta’an, Chaayinaa fi Filiippiinsi galaana gamatti ollaa walitti dhiyoo ta’uu isaanii, ollummaa gaarii, tumsi wal-fayyaduu fi misoomni waloo dantaa bu’uuraa biyyoota lamaanii ta’uu ibsaniiru .

Barumsi gaarii fi gadhee hariiroo Chaayinaa fi Filiippiinsii waggoota dhiyoo asitti argate hariiroo gaarii ijaaruun salphaa akka hin taane, garuu balleessuun salphaa akka ta’e yeroo yeroon kan mirkaneesse ta’uu hubachiisaniiru.

Yeroo ammaa kana, hariiroon Chaayinaa fi Filiippiinsii rakkoo fi qormaatni hamaan kan mudate yoo ta’u, kunis gama Filippiinsiin irra deddeebiin waliigaltee gama lameenii fi waadaa mataa isaa cabsuu, sarbama mirgaa galaana irratti itti fufiinsaan dhiibuu fi tilmaama yaada ummataa guddiseera.

Chaayinaan akka malee yaaddoo keessa jirti, cimsitees mormiti jedhan Waang.

Itti dabaluudhaanis, Filippiins sirna misaa’ela addaan kutu U.S. yoo jalqabde, waldhabdee naannoo fi waldhabdee uumuun, dorgommii hidhannoo kan kakaasu yoo ta’u, kunis guutummaatti fedhii fi hawwii ummata Filippiins waliin kan wal hin simne ta’uu ibsaniiru.

Waang akka jedhanitti, Chaayinaan dhiheenya kana tasgabbii haala galaanaa eeguuf jecha geejjibaa fi dhiyeessii namoomaa Reenayi Yi’a’oo geessu irratti Filiippiinsii waliin yeroof waliigaltee irra geesseetti. Furtuu kan ta’e gama Filiippiinsiin waadaa galte raawwachuu fi ejjennoo ishee jijjiiruu irraa of qusachuudha jedhan ministirri haajaa alaa Chaayinaa. Yoo kana hin taane Chaayinaan kutannoodhaan deebii akka kennitu hin shakkisiisu jechuun hubachiisuu Shiinuwaan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading