ONM-ABO Hagayya 1, 2024
Bilxiginnaan umurii aangoo isaa dheerefachuuf jecha hawaasa nagaa badii tokko malee maqaa hariiroo WBO waliin qabdu jedhuun dararaa daangaa hin qabne irratti raawwachaa jira.
Adoleesaa 29, 2024 aanaa Martii ganda Wataroo Diinoo keessatti namoota nagaan jireenya isaanii geggeeffatan iddoo dalagaa isaanii irraa fuudhuun reebicha hamaa erga irratti raawwataniin booda mana hidhaatti darbachuu jiraattonni himan.
Namoota nagaa maqaa isaanii Alfuu Ussiittii fi Usoo Godaanaa jedhaman erga qabanii reebicha irratti raawwataniin booda hidhaan dararaa akka jiran barameera.
Itti dabaluun akka jiraattonni kunneen jedhanitti gocha yeroo ammaa warri ulaagaa mootummaa hin guunne kun nu irratti adeemsisaa jiran wallaallee jirra, qe’ee keenya keessatti akka itti baanee gallu dhabne jechuun yaada isaanii Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
