• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaatti loltoonni imphaayera Itiyoophiyaa dargaggoota Oromoo mana hidhaatii baasuun mooraa leenjii waraanaatti ergaa jiraachuun ifoome

Aug 1, 2024

ONM-ABO Hagayya 1, 2024

Murni nama nyaataan imphaayera bututtuu jiguu geesse suphuuf carraaqu bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa  garaa garaatti sabboontota ilmaan Oromoo adamsee ukkaamsuun sobaan yakkee hidhaatti darbachuun dararaa hamaa irraan gahaa kan jiru yoo ta’u, godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaatti loltoonni faashistii Abiy Ahimed dargaggoota sobaan hidhaman fedha isaanii malee dirqamsiisuun adda waraanaatti guuraa jiraachuun ifoomeera.

Waraanni goolessituun PP, Adoolessa 29, 2024 aanaa Guutoo Giddaa bulchiinsa magaalaa Naqamteetti dargaggoota Oromoo kana dura maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu” jedhuun yakkamuun badii tokko malee kanneen ganda 07 keessatti hidhamanii garmalee dararamaa turan, kanneen maqaan isaanii:

  1. Girmaa Abarraa,
  2. Caalaa Amdee,
  3. Ulfinaa Sanbatoo,
  4. Tashaalaa Guutamaa fi kanneen biroo hedduu mana hidhaa magaalichaa keessaa baasuun gara mooraa leenjii waraanaa PP’tti dirqamaan ergaa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.

Akka namoonni kun jedhanitti, “loltoonni imphaayera Itiyoophiyaa dargaggoota hedduu mana hidhaa magaalaa Naqamtee ganda 07 keessaa baasuun gara mooraa leenjii waraanaatti ergaa jiru. 

Fedhii isaaniin ala humnaan dirqisiisanii qarshii maatii isaanii irraa akka fudhatanii fi erga fudhataniin booda immoo gara mooraa leenjii waraanaatti geessan” jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading