ONM-ABO Hagayya 1, 2024
Maqaa “sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo” jedhu sababeeffatanii wayita bobba’an loltoonni bilxiginnaa naamusni waraanummaa irraa hin calaqqisnee fi safuu hawaasaa kabajuu hin beekne yeroo ammaa kan dur baratameen olitti hawaasa nagaa saamuu fi qabeenya isaa barbadeessuu jabeessanii itti fufanii jiraachuun himame.
Haluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa gandoota gara garaa keessatti saamichi jiraattota irratti raawwatu cimee kan itti fufe ta’uu, jiraattonni ONM dubbise himanii jiru.
Adoolessa 27, 2024 ganda Hora Waataa bakka addaa Laga Horaa jedhamurraa loltoonni bilxiginnaa jiraattota maqaan isaanii Bayyaan Ahimad Muktaarii fi Gammachuu Badir Sulee jedhaman jalaa doqdoqqee isaan qaban fudhatanii deemuu ONM’f eeranii jiru.


