• Sun. Nov 22nd, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuutti murnoonni bilxiginnaa hawaasa Oromoo jumlaan hidhaa jiraachuun eerame

Aug 1, 2024

ONM-ABO Adoolessa 31, 2024

Umurii aangoo isaa dheereffachuu fi imphaayera bututtuu Itiyoophiyaa suphuuf kan carraaqu murni Koloneel Abiy Ahimediin hoogganamu, badii tokko malee ilmaan Oromoo yakkuun hidhee garmalee dararuu hojii idilee isaa taasifatee jira.

Haaluma kanaan, guyyaa kaleessaa jechuun Adoolessa 30, 2024 waraanni sirnichaa godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu bulchiinsa magaalaa Mandiitti, abbaa ijoollee sadii kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Taarikuu Zawuduu jedhamu badii tokko malee maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabda” jedhuun mana hidhaatti darbachuun dararaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa himanii jiru.

Aanichatti murnoonni bilxiginnaa irra caalaatti maanguddoota waggaa 60 olii irratti xiyyeeffachuun jumlaan qabanii hidhaatti guuraa jiraachuu kan himan yoo ta’u, kunis maanguddootatu dargaggoota faallaa keenyatti hiriirsaa jira jechuun akka ta’e himaniiru.

Leave a Reply