• Sun. Nov 22nd, 2026

Hoogganaan Hamaas Ismaa’eel Haniyaa Teyiraaan keessatti ajjeefaman 

Aug 1, 2024

ONM-ABO Adoolessa 31, 2024

Hamaas Roobii har’aa akka jedhetti hogganaan siyaasaa isaa Ismaa’eel Haniyaa haleellaa Israa’el Iraan keessatti raawwatteen ajjeefamuu isaa ibse.Kunis bakka inni eebba pirezidaantii haaraa Iraan  irratti hirmaachaa turetti.

“Obboleessa, hogganaa, mujaahid Ismaa’eel Haniyaa, itti gaafatamaan sochii kanaa, eebba pirezidaantii haaraa Iraan irratti erga hirmaatee booda, haleellaa Ziyoonistootni waajjira muummee isaa Tehran irratti raawwataniin du’e,” jechuun sochiin kun ibsa baaseen beeksiseera.

Eegdonni Warraaqsa Iraanis du’a kana kan beeksisan yoo ta’u, manni jireenyaa Haniya Tehran keessatti argamu ”rukutamee’ eegduu tokko waliin ajjeefamuu isaa ibseera.

Haniyan sirna kakaa pirezidaantii Iraan Masuud Pezeshkiyaan Kibxata kaleessaa gaggeeffame irratti hirmaachuuf gara Teyiraan imalee ture.

Waraanni Israa’el gabaasa du’a Haniyaa irratti yaada akka kennuuf gaaffii dhiyaateef battalumatti deebii hin kennine.

Ministirri Muummee Israa’el Benyamin Netanyaahuun Hamaasiin balleessuun namoota haleellaa Onkoloolessa 7  booji’amuun, sababa sanaan waraanni Gaazaa keessatti ka’e hunda deebisuuf dhaadataniiru.

Haniyaan bara 2017tti Kaaled Meshaal bakka bu’uun itti gaafatamaa biiroo siyaasaa Hamas ta’uun kan filataman yoo ta’u, filannoo paarlaamaa bara sanaa Hamas injifannoo mufachiisaa galmeesseen bara 2006 muummicha ministeera Falasxiin ta’uun isaa duraanuu nama beekamaa ture jechuun France 24 gabaaseera.

Leave a Reply