• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Qellam Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti gareen bilxiginnaa Shamarran Oromoo hidhuu jabeessee itti fufe

Aug 1, 2024

ONM-ABO Adoolessa 31, 2024

Waraanni sirna nama nyaataa PP goleewwan Oromiyaa cufa keessatti ilmaan Oromoo dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne sababoota garaa garaa itti maxxansuudhaan yakkee dararaa hamaa adda addaa kanneen akka: hidhaa,  saamicha, gubaatii manneenii, reebichaa fi ajjeechaa hamaa irraan geessisuu amaleeffannaa godhatee itti fufee jira.

Haaluma kanaan, godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti gareen faashistii bilxiginnaa shamarran Oromoo hidhuu jabeessee itti fufee jiraachuun ibsameera.

Adoolessa 29, 2024 ganda Miinkoo jedhamu keessatti “abbaa keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jechuun shamarran maqaan isaanii Araarsee Mitikkuu fi Kuulanii jedhaman badii tokko malee ukkaamsanii hidhuudhaan garmalee dararaa jiraachuu maddeen keenya eeran.

Akka maddeen keenya himanitti, shamarran kun lameen siyaasa kam keessa kan hin jirre ta’uu fi maatiin isaanii illee akka dhaqanii hin dubbisne dhorkamuu isaanii maddeen keenya itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaa himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading