• Sun. Mar 15th, 2026

Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo keessatti waraanni faashistii PP nama tokko ajjeesan

Aug 1, 2024

ONM-ABO Hagayya 1, 2024

Ilmaan Oromoo bakka cufatti hireen isaa du’a ta’uun ammas qe’ee isaa fi bakka hojii isaatti adamfamuun akka bineensaatti du’a hin taane waraana sirna nama nyaataa bilxiginnaan  ajjeefamaa oola.

Haaluma kanaan Adoolessa 30, 2024 Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Laantuu Wal-Argii jedhamtu keessatti waraanni badee balleessaan bilxiginnaa badii tokko malee nama nagaa tokko bakka hojii isaatti itti dhaquun ajjeesuun dhagaa’ame.

Namni kun maqaan isaa Fayyee Taalammaa kan jedhamu yoo ta’u, innis bakka hojii isaa lafa qonnaa qotatutti waraana PP naamusa hin qabneen ooyiruu isaa keessatti akka ajjeefame jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading