ONM-ABO Hagayya 1, 2024
Murni Bilxiginnaa uummata hunda loltuu isaa taasisuuf humna qe’ee irraa qabee leenjii waraanummaa gaggabaabaa erga kenneefii booda qawwee itti hidhee bobbaasus meeshaa sanaan namoota saamaa, qawwees saamamaa fi gatanii hawwasaan fidaa jechuun yeroo jeeqan argina.
Adoolessa 29, 2024 Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee keessatti milishaan tokko qawwee Bilxiginnaan itti hiite gatuun, isintu fuudhe jechuun hawaasa doorsisaa oole.
Qawwee isaa qabatee mana dhugaatii kan oole milishaa PP kun, achitti yeroo machaa’ee ba’uuf ka’u meeshaa isaa kana dhabuun hawaasa dhugaatii fayyadamaa ture jeeqaa fi maatii manichaan fidaa yoo hin fiddan ta’e isinan fixa jechuu isaa namootni achi turan ibsan.
Sababa kanaanis waraanni faashistii PP namoota naannoo sanaa reebuu fi kaanis isintu Waraana Bilisummaa Oromoo fidee harkaa fuusise jechuun qabanii hidhuun barameera.

