• Wed. Nov 25th, 2026

Finfinnee Boolee Bulbulaatti shamarran Oromoo sadii qalamuun ajjeefamuu fi tokko kaadiroota faashistii bilxiginnaan gudeedamuun beekame

Aug 2, 2024

ONM-ABO Hagayya 1, 2024

Waraanni Bilxiginnaa fi finxaaleeyyiin Amaaraa ilmaan Oromoo Oromummaa isaanii qofaaf jibbuun dachee abbaa isaanii handhuura Oromiyaa irratti akka lammii lammaffaatti ilaalanii yakka gara jabummaa isaan irratti raawwachaa jiraniin Oromoota hedduu irra miidhaan hanga lubbuun darbuu qaqqabaa jira.

Adoolessa 29, 2024 Finfinnee kutaa Magaalaa Boolee Bulbulaatti shamarran Oromoo afur kanneen Oromiyaa kutaalee adda addaa irraa dalagatanii buluuf deeman gareen nafxanyummaa leellisan  bakka isaan hojii hojjetanitti gudeeduuf yaalii yeroo taasisan shamarran kunneen iyyinaan namoota sadii cuubeen gara laafina tokko malee qalanii akka gatan maddeen magaalichaa himan.

Shamarran gochoonni sukanneessaan haala kanaan irratti raawwate kunneen  maqaa hariiroo waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun ajaja qondaalota bilxiginnaa biraa kennamuun qorqalbii cabsuuf akka irratti raawwatame himuun, namootni gochoota badii raawwachuuf dirqama fudhatan garuu yaalii gudeeddii sanaan milkaa’uu yeroo dadhabanitti haala suukkanneessaan ajjeesuu himan.

Shammarreen tokko ammoo namoota shaniin akka gudeedamte beekameera 

Hanga gabaasni kun qindaayetti maqaa shamarran kanneenii aragachuu kan hin dandaa’amne ogguu ta’u,  dhiibbaan Finfinnee keessatti bara bulchiinsa Abiy Ahimed ilmaan Oromoo irratti raawwataa jiru jiraattota irratti yaaddoo uumuun barameera.

Leave a Reply