ONM-ABO Hagayya 1, 2024
Imphaayera sanyummaan dagaage Itiyoophiyaa keessatti ilmaanni Oromoo hacuuccaa abbootiin irree irratti taasisaniin baroota dhufaa darbaa gadadoo jireenyaa jalatti kufuun, mirga jiraachuu sarbamanii manneen jiraatan keessatti ajjeefamuu, saamamuu fi dararamuun, akkasumas qorqalbiin miidhamanii jiraachaa jiru.
Akkuma kanaan dura gabaasnee turre, Rizoortiin Kurruuftuu magaalaa Shaggar Siitii kutaa magaalaa Buraayyuutti argamu loogii sanyummaa irratti xiyyeeffateen ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa deemuun waggoota hedduuf humna isaaniin hojichatti miindeeffamanii hojjechaa turan, abbootii irree bilxiginnaan abbaa qabeenyaa Rizoortichaa waliin ta’uun dafqaan bultoota kana moggaatti dhiibaa akka jirantu himama.
Baatiilee darbe irraa qabee hojjettonni Rizoortii Kurruuftuu kan sabaan Oromoo ta’an ari’amaa kan jiran ogguu ta’u keessattuu bifa addaan Kaleessa Adoolessa 31, 2024 namoonni 113 kan sabaan Oromoo ta’an murtee abbaa qabeenyichaa Obbo Taadiyoos nama jedhamuun beenyaa tokko malee mooraa irraa dhorkamuu ONM’tti himan.
Saboonni biroon hojicha keessatti hafanii hojjechaa jiraachuu kan himan maddeen, Oromummaa keenya qofaaf jibbamnee bakka dhalootaanis qoodamnee hojiirraa ari’amne jechuun miira gaddaan namootni rakkoon kun irra ga’e dubbatu.
Hojjettoonni hojiirraa ari’aman kunneen dubartoota ilmaan guddisan, dargaggootaa fi namoota umuriin isaanii 40 ta’e kan maatii qaban hedduun keessatti akka argaman ta’uun jireenyi isaanii balaaf saaxilamuu dabaluun ONM’tti himaniiru.

