ONM-ABO Hagayya 2, 2024
Murni bilxiginnaa magaalota Oromiyaa adda addaa irraa ilmaan Oromoo badii tokko malee yakkee ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisaa kan jiru yoo ta’u addatti immoo dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun jumlaan qabanii mana hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufanii jiraachuun eeramee jira.
Haaluma kanaan, handhuura Oromiyaa magaalaa Finfinnee irraa ergamtoonni sirnichaa ilmaan Oromoo adamsuun ukkaamsanii hidhaatti darbataa jiraachuun ibsameera.
Adoolessa 30, 2024 dargaggoo maqaan isaa Magarsaa Abbabaa jedhamu osoo bakka hojii isaa dhaquuf daandii irra deemuu loltoota sirnichaan magaalaa Finfinnee keessaa badii tokko malee qabamuun kutaa magaalaa Golboo jedhamutti hidhamee dararamaa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.
Magaalaa Finfinnee keessatti murnoonni bilxiginnaa hundi dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun jumlaan ukkaamsuun sobaan yakkanii mana hidhaatti darbachuun achi buutee isaanii dhabamsiisaa kan jiranii fi fedhii isaanii malee humnaan qabuun gara mooraa leenjii waraanaatti ergaa jiraachuun isaanii ibsamee jira.



