ONM-ABO Hagayya 3, 2024
Mootummaan garboomfataan mirga dhala namaa eguu hin beekne umurii aangoo isaa dheereffachuuf jecha uummata nagaa badii tokko malee hidhee hiraarsaa jira.
Haaluma kanaan godina Arsii Lixaa magaalaa Shashamannee ganda 81 keessatti yeroo dheeraaf namoota torbaatama kutaa tokko keessatti hidhuun akka isaan gadi ba’anii qilleensa hin arganne gochuun miidhaa hamaa irraan ga’aa jiraachuu madeen dubbatu.
Isaan keessaa namooni maqaan nu qaqqabe muraasnii;
- Urgeessaa Kadir
- Kamaal Shunkaa
- Useen Wonbaarii
- Amaan Galatuu
- Abdullahi Tibeessoo yoo ta’an, namoota kana guyyaatti yeroo tokko qofa mana fincaanii geessuun, guyyaa guutuu balbala itti cufanii mana keessaa gadi ba’uu dhorkaa jiru.
Akka maddeen jedhanitti namootni kunneen hanga ammaatti waan hidhamaniifis kan hin beekne ta’uu isaanii madeen dabalataan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees Hagayya 1, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa jajuu ganda Finccoo jedhamtu keessatti qeerroowwan maqaan isaanii; Caccoolle Bayyaan fi Dhaqabboo Rashaad jedhaman WBO waliin hariiroo qabdu jechuun iddoo dalagaa isaanii irraa fudhuun waajjira poolisii keessatti hidhuun reebicha hamaa irraan ga’aa jiraachuu maddeen gabaasan.

