ONM-ABO Hagayya 3, 2024
Mataa waraanaa ta’uun tikoonni PP bakkeewwan hedduutti qe’ee hawaasaa barbadeessuu fi lubbuu namaa akka tirgaa siyaasaatti itti fayyadaman, qaruuxeen WBO iddoowwan hedduutti tarkaanfii keessa deebii hin qabne irratti fudhachaa jira.
Haaluma kanaan falmaan uummata Oromoo WBO’n Zoonii Kibbaa Konyaa Gujii Lixaa aanaa Abbayyaa ganda Geeloo bakka addaa Tuulii jedhamutti Adoleessa 31, 2024 tarkaanfii ergamtoota sirnichaa irratti fudhateen bulchaa gandaa, itti aanaa bulchaa fi hoogganaa nageenya gandichaa warreen jedhaman du’aan adabee jira.
Gama meeshaatiinis qawwee AKM tokko irraa hiikuun moonaa qabsoo Bilisummaa Oromoof oolchee jira.
Tikoonni kunneenis gandichaa fi gandoota ollaa keessatti namoota danuu irratti miidhaa jajjabaa kanneen akka saamichaa fi ajjeechaa raawwachaa akka turanii fi yeroo ammaa hawaasichi boqonnaa argatee akka jiru ibsaniiru.






