• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruutti loltoonni imphaayera itiyoophiyaa hawaasa nagaa hidhuu fi hiraarsuu itti fufan

Aug 6, 2024

ONM-ABO Hagayya 3, 2024

Sirni Oromummaa hadheeffatee mormu loltootaa fi murnoota isaa baadiyyaa Oromiyaatti garmalee bobbaasuun duula duguuggaa sanyii baneen saamicha, reebichaa fi manneen hawaasaa gubuun ilmaan qotee bulaa Oromoo manaa gadi baasee badii tokko malee hidhee dararaa hamaa irraan gahaa kan jiru ta’uun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruutti murnoonni bilxiginnaa “deggertoota WBO’ti” jechuun uummata nagaa hidhuu itti fufanii jiraachuun himameera.

Adoolessa 31,2024 ganda Illaamuu Xaraqoo jedhamu irraa badii tokko malee namoota maqaan isaanii:

  1. Yaadasaa Mangistuu,
  2. Asallafuu Nigaatuu,
  3. Mitikkuu Dojaa,
  4. Gaddafaa Molee fi kanneen biroo hedduun hidhamanii dararamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa himanii jiru.

Kana malees, iddoo Baroo ganda 01 jedhamu irraa nama maqaan isaa Obbo Hirphaa Kiisii jedhamu badii tokko malee hidhanii dararaa jiraachuu fi ganda Diidaloo jedhamu irraa immoo nama maqaan isaa Obbo Tamuu Darajjee jedhamu hidhanii dararaa jiraachuu fi aanichatti ilmaan Oromoo baay’een garmalee dararamaa jiraachuu maddeen ONM’f himan.

Leave a Reply