ONM-ABO Hagayya 3, 2024
Loltoonni imphaayera itiyoophiyaa uummata Oromoo irratti ajaja Koloneel Abiy Ahimediin bobbaafamuun magaalaa keessaa akka kubbaatti uummata dhiitaa, baadiyyaatii ammoo sobaan yakkanii hawaasa nagaa ukkaamsuun hidhanii achi buutee dhabamsiisaa akkasumas, ajjeechaa suukkaneessaa ta’e irratti raawwachaa jiraachuun ni beekama.
Adoolessa 28, 2024 godina Wallagga Lixaa aanaa Laaloo Assaabii ganda Bukkoo Assaabii jedhamu keessatti loltoonni impaayerattii dargaggoo maqaan isaa Kifiluu Likkaasaa jedhamu badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf bakka inni loon tiksutti rasaasaan mataa isaa keessa rukkutuun ajjeesuu namoonni ijaan argan gabaasan.
Akka namoonni kun jedhanitti, “dargaggoon kun siyaasa kam keessayyuu kan hin jirre ta’uu fi ol adeemaa biyyaaf abdatamu, kan iji uummataa irra jiru ta’uu ibsuun, akka aanichaatti illee rakkoo ulfaataan jiraattota irratti raawwatamaa jiraachuu” Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himan.


