• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti caasaan murna PP wal hidhaa jiraachuu fi namoota nagaa irraanis reebicha hamaa ga’uun yoo hidhan, konkolaachiftootaan ammoo hawaasa yeroo feetan qarshii guddaa fuudha jechuun doorsisuun dhaga’ame

Aug 6, 2024

ONM-ABO Hagayya 2, 2024

Lukkeeleen bilxiginnaa koloneel Abiy Ahimed qofa aangoo irra tursuuf qe’ee hawaasa Oromootti bobbaafaman gochoota badii isaanii kanneen akka ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi gubaatii  manneenii yeroo uummata nagaa irratti raawwatanitti kanneen quuqama saba isaanii qabaatan ammoo, gochi hawaasa kana irratti raawwattanii nus raawwachiisaa jirtan kun duula duguuggaa sanyiiti jedhanii kanneen dubbatan reebuun hidhaa jiraachuun barame. 

Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti Hagayya 1, 2024 bulchaa ganda Maaddaraa kan ta’e namni maqaan isaa Yaasin Adee jedhamu yeroo lukkeeleen murna bilxiginnaa bira deemuun hawaasni aanaa kanaa deggartoota WBO’ti akkasumas, maatii qabsaa’otaati maaliif hin hiine? qe’ee irraas maaliif hin buqqifne yeroo jedhaniin, ani hawaasa nagaa hin dararu sababa jedheef qofa reebuun miidhaa qaamaa jabaa erga irraan ga’aniin booda magaalaa Caffaa Roobit keessatti hidhuun barame.

Itti dabaluun caasaa bilxiginnaa kan ta’e namni maqaan isaa Adam Wadaddar jedhamu konkolaachiftoota Caffaa Roobit irraa gara Qiciicoo deemaniin uummanni aanaa sanaa deggartoota WBO’ti ittiin jechuun hawaasa qarshii 50 kaffalee deemaa ture 105  irraa fudhadhaa jechuun konkolaachiftootatti ajaja dabarsuun yoo kana gochuu dadhabdan ni hidhamtu jedhee uummata saamsisaa akka jiru konkolaachisaan ONM dubbise tokko dabaluun dubbateera.

Oduu hidhaatiin ammoo aanaa Jiillee Dhummuuggaa ganda Hiddaa keessaa Hagayya 1, 2024 milishoonni sirnichaa gandicha qubsiifamanii jiran nama nagaa ooyruu irraa galaa jiru kan maqaan isaa Umar Daalee jedhamu fuulli kee nuuf haaraadha ergama WBO qabda jechuun harka duubatti hidhanii tumaa mana hidhaatti darbachuu jiraattotni gandichaa himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading