ONM-ABO Hagayya 3, 2024
Murni uummata nagaa mirgoota uumamaa sarbuun, Oromummaa fi sabboonummaa mataa isaaniin akka hin jiraanneef sagantaa ajjeechaa qaamolee bifa dhoksaan gurmeessee bobbaaseen uummata sakaalaa jiru bilxiginnaan namoota nagaa hidhuun dararuun cinatti maallaqa guddaa gaafataa jira.
Akkuma kanaan namoonni maqaan isaanii:
- Tamaam Tasfaayee,
- Kennasaa Qanna’aa,
- Siraaj Kumarraa,
- Darajjee Ejjetaa,
- Waaqjiraa Gabbisaa,
- Horaa Daggafaa,
- Cursaa Beekaa fi kanneen biroo hedduun jiraattota godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee bulchiinsa magaalaa Sichaa’oo jedhamutti badii tokko malee waraana gabroomfataa PP’n qabamuun yeroo dheeraaf hidhamanii jiraniidha.
Namoota maqaan isaanii eeraman kanneen malees namoonni hedduun gandoota baadiyyaa adda addaa keessaa qabamanii magaalichatti maqaa hirmaannaa siyaasaa adeemsistuun hidhamanii jiraachuun kan himamu yoo ta’u, murtii seeraa tokko malees baatiilee hedduuf erga hidhaniis maallaqa guddaa gaafachuun hidhaa irraa akka hiikantu dubbatama.
Maatiin harka qalleeyyii maallaqa homaa hin qabnes ji’oottan shanii fi isaa ol hidhamanii kan jiran danuu ogguu ta’an, dhibeen adda addaa manneen hidhichaa keessatti qabuun yaala tokko malee hiraarfamaa akka jiranis ONM odeeffateera.

