• Thu. Nov 26th, 2026

Biiroon Barnoota Oromiyaa, guyyoota digdamii shaniif Godinaalee hundarraa leenjii barsiisotaaf kennuuf Yuuniversiitii Ambootti waamuun, durgoo fi nyaata dhorkachuun ifoome

Aug 7, 2024

ONM-ABO Hagayya 3, 2024

Waraanni maafiyaa Itiyoophiyaa, goleelee Oromiyaa bakkoota garaa garaattii mana barnootaa baadiyyaalee Oromiyaa keessa jiran mooraa isaa wayita taasifatuu fi murni aangoo of harkaa qabu PP’n kaffaltii yookaan miindaa barsiisotaa hir’isuun, barsiisota siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabne yeroo inni hiraarsu irra deddeebiin kan mullatuudha.

Haaluma kanaan tibba kana ammoo Biiroon Barnoota Oromiyaa (BBO) Leenjii wixinee Barnoota haaraa jedhuun goleelee Oromiyaa mara irraa Yuuniversiitii Ambootti guyyoota digdamii shaniif barsiisota waamuun durgoo isaanii fi nyaata dhorkachuudhaan doorsisaa jiraachuu maddeen keenya keessoo nuuf himan.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti, nyaata, Durgoo akkasumas gatii geejjibaa barsiisonni kunneen ittiin gara sana imalanillee mijeessuun, dirqama warra waltajjii sana waamee ture  jechuun haa ta’u malee faallaa kanaa maal gadi fidduudhaan nyaatallee nu dhorkatanii, durgoo keenyas waan nu dhorkataniif waan ittiin guyyoota digdamii shaniif jiraannu dhabnee hojiima barsiisummaa sadarkaa dhiisuurra geenyeerra jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Leave a Reply