• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Arsii Bahaa aanaa Suudeetti sabboontota adamsuun hidhuu fi saamicha jabeessuun dhagaa’ame 

Aug 8, 2024

ONM-ABO Hagayya 4, 2024

Arsii Bahaa aanaa Suudeetti saamichi qindaa’aan milishoota abbaan irree imphaayerattii bulchaa jiru Abiy Ahimed  bobbaasuun raawwachaa akka jiru beekameera.

Duula saamichaa labsamee geggeeffamaa jiru yeroo yeroon gabaasaa akkuma turre, baatii darbee kaasees bifa haaraan manneen jiraattotaa irra deemuun maqaa kaffaltii gibiraa, buusaa gonofaa, deggersa waraanaa fi kanneen biroo maqaa dhahachuun saamuun cinatti namoota daandii gubbaa deemanis dhaabanii saamaa jiraachuun ifoomeera. 

Kana malees kantiibaa magaalaa Kullaa kan ta’e namni maqaan isaa Faanos Umar jedhamuu fi kaabineen sirnoota dhufaa darbaa waliin ta’uun dhiiga ol adeemtotaa dhuguu bare nama maqaan isaa  Abuunaa Nashaa jedhamu waliin ta’uun namoota sabboonummaa qabu jedhanii shakkan hojjettoota isaanii dabalatee namoota hedduu jumlaan hidhaa fi gara fuula duraatti rakkoo irraan ga’uuf mari’achaa akka turan beekameera.

Leave a Reply