• Wed. Nov 25th, 2026

Waraanni Mootummaa garboomfataan PP, Godina Wallagga Lixaa aanaa Mana Sibuu keessatti uummata nagaa hidhuu jabeessee itti fufe

Aug 8, 2024

ONM-ABO Hagayya 4, 2024

Waraanni nama nyaataan PP  goleewwan Oromiyaa cufa keessatti, hawaasa nagaa sababa addaa addaa itti maxxansuudhaan badii tokko malee hidhuu fi ajjeesuu hojii idilee isaa taasifatee jiraachuun kan beekamuudha. 

Haaluma kanaan Adoolessa 30, 2024 waraanni sirnichaa, godina Wallagga Lixaa aanaa Mana Sibuu ganda Haroo Qorkee Bakka Addaa Bataskaana Takila Haayimaanot jedhamutti  namoota nagaa maqaan isaanii;

  1. Daawwit Waannaa        
  2. Fayyisaa Taayyee fi
  3. Amantii Ittaanaa kanneen jedhaman osoo isaan kadhataaf mana amantaa keessa jiranii sababa tokko malee hidhuudhaan dararaa hamaa irratti raawwachaa jiraachuu Jiraattonni naannichaa ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply