ONM-ABO Hagayya 4, 2024
Saayinsii Waraanummaa kan hin beeknee fi kabajaa namummaa kan hin qabne Waraanni sirna dhableessi faashistii PP, Goleelee Oromiyaa cufa keessatti naasuu tokko malee uummata nagaa adamsee ajjeesaa jira.
Hagayya 1, 2024 waraanni sirnichaa handhuura Oromiyaa magaalaa Finfinnee araddaa Boolee Bulbulaa bakka addaa Abbaa Shaamee jedhamuun beekamutti dargaggeessa Oromoo maqaan isaa; Ibiraahim Mohaammad Adam jedhamu, hawaasa naannichaa duratti, akka bineensaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen keenya nuuf ifoomsan.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti dargaggeessi Oromoo Kun dhalataa Baha Oromiyaa yoo ta’u, jireenya isaa jijjiiruuf magaalaa Finfinneetti galuun hojii dhuunfaa isaa hojjechaa osoo jiruu, maqaa miseensa Waraana imphaayerattii turtee baddee galte jedhu itti maxxansuun, nama siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabne sababa Oromummaa isaa qofaaf ajjeesanii haga ammaattillee reeffa isaa maatii dhorkatanii jiraachuu jiraattonni naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.



