ONM-ABO Hagayya 4, 2024
Bilxiginnaa fi jala deemtonni isaa afaaniin misoomaa fi nageenya labsaa qabatamaan ammoo gochi isaanii faallaa dhaadannoo isaanii kan ta’e, Oromiyaa bakkoota adda addaatti maqaa ‘eebba pirojeektii’ jedhu sababeeffachuun wayita qondaalonni bilxiginnaa sirna eebbaaf garas imalan maqaa ‘sagantaa simannaa’ jedhuun sochiin hawaasaa kamiyyuu magaalaa keessatti akka hin taasifamne dhorkuu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan, gaafa Hagayya 01, 2024 godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamteetti maqaa ”sirna eebba warshaa daabboo, daakuu fi simannaa giifti-duree Koloneel Abiy Ahimed Aadde Zinnaash Taayyachew fi Shimallis Abdiisaa” jedhuun hawaasa daandii gubbaatti ba’ee daldalatee jiraatu daldala dhorkuun himamee jira.
Kanaan walqabatee, bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 02 keessatti hawaasa daandii irratti daldalatee jiraatu jalaa meeshalee daldalaa konkolaataa fe’umsaa tiraaktera jedhamuun beekamutti akka balfaatti fe’anii jalaa gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Dabalataanis, sochiin konkolaataa fi bajaajii magaalicha keessatti yeroof ugguramee turuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.
Harka qalleeyyiin karaa irratti wantoota adda adda dalagachuun jiraatan kunneenis harki caalaan isaanii namoota hojii achirraa argataniin maatii isaanii jiraachisan waan ta’aniif yeroo ammaa rakkoo hamtuu keessatti kufanii akka jiran illee dubbatu.






