• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Kaaba Shaggar Yuunivarsiitii Salaaleetti murnoonni bilxiginnaa barattoota qorumsa biyyoolessaa kutaa 12’ffaa fudhatan karaatti ukkaamsuun barattoota 3 irratti ajjeechaa raawwachuun, kanneen 12 ta’an immoo achi buutee dhabamsiisan

Aug 8, 2024

ONM-ABO Hagayya 4, 2024

Yeroo adda addaatti murnoonni bilxiginnaa barattoota Oromoo ukkaamsuun hidhaa, ajjeesaa, achi buutee dhabamsiisuu fi gochoota ilmaan namootaa irra ga’ee hin beekne irratti raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Kaaba Shaggar Yuunivarsiitii Salaaleetti murnoonni bilxiginnaa barattoota qorumsa biyyoolessaa kutaa 12’ffaa fudhatan karaatti ukkaamsuun barattoota 3 irratti ajjeechaa raawwachuun, kanneen 12 ta’an immoo achi buutee dhabamsiisuun eeramee jira.

Barattoonni duraan bakkuma itti baratanitti kan qoraman hoggaa ta’u, amma immoo murnoonni bilxiginnaa sodaa akkuma biyyaatti qaban irraa ka’uun gara godinaatti waamuun barattoota Oromoo gara barbaadanitti qabuun bakka ofii jedhanitti dararaa hamaan booda qorumsa kennaa jiraachuun barattoota kutaa 12’ffaa qoraman keessaa murnoonni bilxiginnaa daandii irratti ukkaamsuun barattoota 3 battalatti yoo ajjeesan, barattoota 12 immoo achi  buutee dhabamsiisuun jiraachuuf du’uun isaanii illee wallaalamee jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ONM’f eeranii jiru.

Leave a Reply