• Wed. Nov 25th, 2026

Haleellaa diroonii Israa’el West Baank keessatti raawwateen lammiileen Falasxiin 5 ajjeefaman

Aug 8, 2024

ONM-ABO Hagayya 4, 2024

Sanbata kaleessaa haleellaa diroonii Israa’eel konkolaataa West Baankii kaaba dhuunfatame irratti xiyyeeffate raawwateen yoo xiqqaate lammiileen Falasxiin shan ajjeefamuu isaanii miidiyaaleen ofiisaa beeksisaniiru.

“Drooniin waraana Israa’el Sanbata ganama konkolaataa Falasxiin daandii Zeyita-Attil, kaaba baha magaalaa Tulkarm West Baankii qabamte irratti xiyyeeffachuun lammiilee Falasxiin shan ajjeese,” jedha dhaabbati oduu Falasxiin Wafa.

Reeffi namoota shan gubate gara Hospitaala Mootummaa magaalattii Tihabet fidameera jechuun daayreektarri hospitaalichaa wabeeffachuun dabalee ibseera.

Namoota lubbuun isaanii darbe keessaa tokko Yayitam Nuriddin Bleyidi, nama ganna 25, kaampii baqattootaa Tulkarm irraa ta’uun adda baafameera.

Haleellaa qilleensaa kana hordofuun humnoonni Israa’el dhuunfattoota Israa’el bakka sanatti weeraruun marsanii jiraattonni akka hin dhiyaanne dhorkaniiru jechuun Wafa dabalaniiru.

Waraanni Israa’el haleellaa kana osoo bal’inaan hin ibsine mirkaneessee jira.

Haleellaa Israa’el lubbuu namaa galaafate kan Onkoloolessa darbe 7 irraa eegalee Gaazaa keessatti namoota gara 39,500 galaafate gidduutti, Yerusaalem dabalatee West Baankii dhuunfatamte keessatti waldhabdeen guddaan uumamee jira.

Yaada addaa Manni Murtii Haqaa Idil-addunyaa baatii darbe kennaniin, Israa’el waggoota kurnan lamaan darbaniif lafa Falasxiin qabachuu ishee “seeraan alaa” jechuun labsee, qubsumni West Baankii fi Baha Yerusaalem keessa jiru hundi akka baafamu gaafateera jechuun CNN gabaaseera.

Leave a Reply