• Tue. Nov 24th, 2026

Iraan Hizbullaahiin keessoo Israa’el akka gaariitti rukutti jennee eegnaa jette

Aug 8, 2024

ONM-ABO Hagayya 4, 2024

Iraan Sanbata kaleessaa gareen Hizbullaah kan Libaanos kan Tehran deeggaru Israa’el keessa gadi fageenyaan rukutee kana booda bakka waraanaa irratti akka hin daangeffamne eegnaa jetteetti.

Kunis erga Israa’el ajajaa waraanaa Hizbullaah ajjeestee booda.

Hizbullaah erga michuu isaa Falasxiin Hamaas Onkoloolessa 7 Israa’el haleelee Gaazaatti waraana kaasee as bakka waraanaa daangaa irra jiru irratti xiyyeeffachaa jira jechuun humnoota Israa’el waliin guyyaa guyyaatti jechuun ni danda’ama dhukaasa wal jijjiiraa ture.

Akka ministeerri fayyaa Libaanos jedhutti, namoonni nagaa shan dubartoota sadii fi daa’imman lama illee du’aniiru.

“Hizbullaah fi mootummaan (Israa’el) sarara murtaa’e eeganii turan,” jechuun haleellaa naannoo daangaa fi bakka waraanaa irratti daangeessuu dabalatee jedha ergamni Iraan.

Shukuriin erga ajjeefamee sa’aatii muraasa booda, hogganaan siyaasaa Hamas Ismaa’il Haniyaa barii dura bakka jireenyaa isaa Tehran keessatti “rukuttaa” raawwatameen ajjeefamuu isaa Eegdonni Warraaqsa Iraan beeksisaniiru.

Kamisa darbe hogganaan Hizbullah Hassan Nasrallah Israa’elii fi “warri ishee duuba jiran deebii keenya isa hin oolle eeguu qabu” jedhan;

Iraanii fi Hamaasinis haaloo ba’uuf dhaadataniiru jechuun Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply