• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Wallagga Lixaa Aanaa Laaloo Assaabii Magaalaa Innaangoo keessatti Bulchitoonni fi kaabinoonni pp Uummata nagaa humnaan waltajjii baasanii shororkeessuun himame

Aug 8, 2024

ONM-ABO Hagayya 4, 2024

Goleewwan Oromiyaa cufa keessatti Bulchitoonni fi kaabinoonni PP aadaa, safuu fi ooda Sabaa kan hin beekne, humna waraanaa imphaayera bututtuu Itoophiyaa qofa tiksuuf bobbaafametti fayyadamuudhaan uummata Oromoo irratti gochoota gara jabinaa hedduu nama rifaasisu raawwachaa ooluun isaa beekamaadha.

Haaluma kanaan Adoolessa 30, 2024 Godina Wallaggaa Lixaa aanaa Laaloo Assaabii magaalaa Innaangoo keessatti, Bulchaan aanaa Laaloo Assaabii namni maqaan isaa Tasfaa Fiqiruu jedhamu, qeerroo fi qarree Oromoo akkasumas hojjettoota Mootummichaa quuqama saba isaanii qaban, gara mana hidhaatti guursisee hidhuu fi kaan ammoo ajjeesisuudhaan  beekama jechuun jiraattonni naannichaa nuuf himan.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti, namichi Kun humnoota waraana maafiyaa PP waliin wal ta’uudhaan, uummata nagaa humnaan waltajjii baasisee magaalaa kana keessa deeggartootaa fi maatii miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo kanneen ta’an namoota digdamii shantu jira kanaafuu namoota kanneen of keessaa baasaa nuuf kennaa, hin baastan yoo ta’e ammoo hundumti keessan iyyuu mana hidhaa keessatti dhumtu jechuudhaan uummata nagaatti dhaadachaa akka jirus himuun, yeroo Ammaa doorsisa qaama biyyan bulcha ofiin jedhuun nurra ga’aa jiru nama itti himannus dhabnee yaaddoo hamaa keessa jirra jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply