• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Kaaba Shaggar aanaa Sulultaa keessatti gareen garboomfataa PP uummata nagaa hidhuu fi saamuu cimsee itti fufe

Aug 8, 2024

ONM-ABO Hagayya 4, 2024

Murni Bilxiginnaa sababoota sobaa garaa garaa wabeeffachuun goleewwan Oromiyaa cufa keessatti uummata Oromoo dinagdeen quucarsuu fi Sanyii Oromummaa balleessuuf jecha ilmaan Oromoo hidhuu, ajjeesuu, saamuu fi qe’eef qabeenyaa isaa barbadeessuu aadeffatee jiraachuun beekamaadha. 

Haaluma kanaan Adoolessa 31, 2024 Waraanni Sirnichaa godina Kaaba Shaggar aanaa Sulultaa keessatti uummata nagaa kanneen maqaan isaanii;

  1. Dajanee Dirribaa fi
  2. Haayiluu Maaruu jedhaman badii tokko malee mana hidhaatti darbachuudhaan dararaa jiraachuu maddeen keenya nuuf himanii jiru.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti namoonni kunneen namoota siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabnee fi hawaasa naannoo biratti jaallatamummaa guddaa qaban ta’uu himuun, murni aangoon of harkaa qaba ofiin jedhu kun dacheema keenya irratti jireenya yaaddoon guute nu jiraachisaa jiras  jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply