ONM-ABO Hagayya 4, 2024
Sirni gabroomfataan bilxiginnaa waggoottan gara aangootti dhufee kaasee uummattoota imphaayerattii keessaa addatti uummata Oromoo irratti xiyyeeffachuun dararaa garaa garaa irratti raawwachaa jiraachuun kan beekamuudha.
Gama tokkoon uummata nagaan jiruuf jireenya isaa geggeeffatu maqaa siyaasaa itti maxxansuun hidhaa, saamaa, ajjeesaa fi qe’ee irraa godaansisaa kan jiru yoo ta’u, gama biroon immoo ijoollee Oromoo dirqamaan afaan qawween doorsisee teessuma aangoo isaa ittiin tikfachuuf dirree waraanaatti ergee lola isaan hin ilaallanneetti bobbaasuun lubbuu isaanii obbaasaa jira. Haa ta’u malee ilmaan Oromoo gowwomsaa fi diinummaa sirnichaa hubatan yeroo irraa gara yerootti hidhannoo guutuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennechaa jiru.
Haaluma kanaan miseensi Raayyaa Ittisa imphaayerattii tokko Hagayya 2, 2024 Lixa Shaggar aanaa Dirree Hincinnii magaalaa Hincinnii irraa qawwee fi hidhannoo guutuun WBO’tti harka kennatee jira.
Miseensi Raayyaa Ittisa imphaayerattii WBO’tti harka kennate kunis, simannaa WBO’n taasiseefitti gammaduun kanaan dura osoo hin hubatin sirna gabroomfataa kanaaf meeshaa baatee tajaajilaa turuu isaatti gaabbuun ilmaan Oromoo achi keessatti hafanii sirnicha tajaajilaa jiraniin bulchiinsa ormaa saba keessan balleessaa jiruuf meeshaa baachuu dhiisaatii hidhannoo keessan waliin gara qabsoo bilisummaa Oromoo ABO-WBO’n geggeeffamaa jiruutti makamaa jechuun dhaamsa isaa dabarfateera.


