• Thu. Nov 26th, 2026

Waraanni Maafiyaa pp, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruutti uummanni lafa isaa akka hin qotanne dhorkuun beekame

Aug 8, 2024

ONM-ABO Hagayya 4, 2024

Uummata nagaa hiraarsuun gammachuu kan isaaf laatu waraanni imphaayera Itiyoophiyaa, golee Oromiyaa mara keessatti badii tokko malee namoota nagaa hidhuu, ajjeesuu fi dararuu cimsee itti fufee jira.

Haaluma kanaan waraanni Sirnichaa, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu ganda Yeroon Amma Tolee jedhamutti uummanni akka lafa isaa hin qotanne dhorkuudhaan, beelaaf saaxilee uummata nagaa hiraarsaa jiraachuu maddeen keenya nuuf himan.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti Waraanni sirnichaa milishaa jedhaman, uummanni lafa isaa akka hin qotanneef dhorkamee jiru kun daldalatee maatii isaa jiraachisuudhaaf gara magaalaa yeroo deemu ammoo, bakka Addisee jedhamutti eeggachuun nama tokko irraa qarshii Kuma kudhan dirqamaan saamaa akka jiranii fi yoo hin qabaanne immoo ati hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jechuudhaan, nama homaa hin beekne rasaasaan ajjeesaa jiru jechuun, gocha suukkanneessaa qaama mootummaatiin irra ga’aa jiru kana nama itti himatanis dhabanii gidiraa argaa jiraachuu, miira gaddaan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Leave a Reply