• Wed. Jan 7th, 2026

Giddu Gala Oromiyaa magaalaa Galaan irraa gareen mootummaa jedhee of waamu hawaasa nagaa qe’eef qabeenya isaanii irraa buqqisuun dhagaa’ame

Aug 9, 2024

ONM-ABO Hagayya 6, 2024

Maqaa invastimentiin lafa qonnaan bultootaa harkaa saamuun dabarsee abbootii qabeenyaaf kennuun ilmaan Oromoo boossisee garaa isaa furdifachuuf halkanii fi guyyaa kan ifaaju gareen  abbaa irree Koloneel Abiy Ahimediin durfamu magaalaa Galaan irraa qonnaan bultoota ari’uun lafa isaanii saamuun baramee jira.

Magaalaa Galaan bakka addaa Indaaster Zoon (Induster Zone) jedhamuun beekamu irraa murnoonni bilxiginnaa akkuma duraan lafa qonnaan bultoota Oromoo saamanii abbootii qabeenyaatti gurgurachuu baranitti, qonnaan bultoota naannoo magaalichaa gatii lafa isaaniif beenyaa tokko malee lafa isaanii irraa ari’uun saamicha irratti geggeessanii qe’eef qabeenya isaanii irraa humnaan buqqisuu isaanii jiraattonni magaalichaa itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.

Magaalicha keessaa saamichi lafaa murnoonni bilxiginnaa humnaan lafa qonnaan bultoota Oromoo irratti geggeessan kan jalqabaa osoo hin taane, yeroo adda addaatti bifuma walfakkaatuun raawwachaa jiraachuun beekamee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading