• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo keessatti waraanni garboomfataan  sirnichaa daa’ima tokko ajjeesan

Aug 9, 2024

ONM-ABO Hagayya 4, 2024

Nagaan biyyattii keessaa erga dhabamee kan bubbule yoo ta’u, sababa tokko malees gadda mana namoota hundaa kan seensisan waraanni Abiy Ahimed, naatoo tokkollee kan namootaaf hin qabne, ajjeesanii bira taruu, jumlaan hidhaatti guuruu fi gocha hin barbaachisne uummata irratti raawwachaa jiraachuun, biyyattii keessatti “duuti akka aadaatti ilaalamuun guyyuu qe’ee gaddaa fi boo’ichaa godhatanii jiru.

Akkaatuma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo ganda Mandoo Gallawoo jedhamu keessatti, waraanni sirnichaa kaleessa Hagayya 3, 2024 ganama toora sa’a 5:00 keessa ol adeemaa ilmaa Latii Kennesaa Barkeessaa kan jedhamu umurii isaa 16 kan ta’e gaaffii tokko malee akka bineensaa bosona keessa oliif gadi ari’uun ija uummataa fuulduratti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii jiru.

Gochi safuu hawwasichaa cabse kun hedduu hawaasa kan mufachiise yoo ta’u, irra deddeebiin waanti wal fakkaataan akkasii ganda isaanii keessatti deddeebi’uun yaaddoo jabaa ta’uu jiraattonni himuun, ol adeemaa siyaasa hin beekne kichuutti kutuun egeree ilmaan keenyaatiifuu yaaddoo hamaadha jechuun dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading