ONM-ABO Hagayya 5, 2024
Ergamtoonni sirnichaa addatti uummata Oromoo dararuuf godinaalee Oromiyaa adda addaa irratti ajaja Koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman dararaa hamaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiraachuun kan beekamu yommuu ta’u, godina Wallagga Bahaa aanaa Sibuu Sireetti waraanni imphaayera Itiyoophiyaa hawaasa nagaa madeessuu fi achi buutee dhabamsiisuun eeramee jira.
Aanaa Sibuu Siree ganda Jaarsoo Waamaa iddoo addaa Qunnii jedhamtee waamamtutti Hagayya 2, 2024 waraanni PP maqaa sakatta’insaan bobbaate aanaa Waamaa Hagaloo magaalaa Mooxee irraa ka’uun gara aanaa ollaatti ce’anii dargaggoo maqaan isaa Malkaamuu Dheeressaa jedhamu utuu inni loowwan isaa yaafachuuf karra banataa jiruu rasaasa lamaan rukkutuun madoo ulfaataa ta’e irraan geessisuu isaanii jiraattonni gandichaa eeran.
Kana malees, Adoolessa 30, 2024 murnoonni bilxiginnaa kun dargaggoota maqaan isaanii:
- Lalisaa Toliinaa,
- Mulgeetaa Guutamaa fi
- Gammachuu Fiqaaduu jedhaman sobaan yakkanii ukkaamsuun achi buutee isaanii dhabamsiisuu fi aanicha keessatti miidhaan adda addaa hawaasa nagaa irratti raawwatamaa jiraachuu jiraattonni kun itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
