ONM-ABO Hagayya 5, 2024
Murni bilxiginnaa wal-qixxummaa sabaa fi sablammootaa hin jaallanne Oromoo saboota imphaayerattii hundaa keessaa addaan qooduun ajjeechaa jumlaa irratti raawwachuun cinatti hidhee hiraarsuu jabeesseera.
Haaluma kanaan ilmaan Oromoo godinaalee Oromiyaan qabdu hundaarraa gara handhuura Oromiyaa Finfinneetti hojiilee adda addaatti bobba’anii jiraatan maqaa WBO waliin hidhata qabdu, seelii waraana Bilisummaa Oromooti jedhamuun bakka hojiilee isaanii irraa funaanamanii hidhamaa jiraachuu dubbatu.
Keessattuu magaalaa Shaggar Siitii Buraayyuu, Sulultaa, Galaan, laga-Xaafoo laga Daadhii fi bulchiinsa magaalaa Furiitti haalli dargaggoota Oromoo irratti ta’aa jiru jibbisiisaa akka ta’es dubbatu
Dargaggoonni manneen kireeffatanii hojii warshaalee fi hojii guyyaa hojjetan hojii loojistikii hojjettu jedhamanii jumlaan hidhamanii jiran bakka maatiin isaanii hin jirretti manneen hidhaatti darbatamuun qarshii guddaa gaafatamanii waan kaffalan dhabuun yeroo dheeraaf kanneen hiraarfamaa jiran hedduu akka ta’anis ifoomeera.

