• Tue. Jan 13th, 2026

Yukireen jeettiiwwan F-16 jalqabaa michoota biyyoota dhihaarraa argatte agarsiiste

Aug 9, 2024

ONM-ABO Hagayya 5, 2024

Xiyyaaronni waraanaa F-16 Yukireen haaraa arggatte Dilbata kaleessaa Pirezidaantiin Volodimir Zeleniskiin agarsiisaaf kan dhiyaatan yoo ta’u, xiyyaaronni kun tattaaffii waraanaa biyyattiin Raashiyaa irratti taasiftu ni jabeessa jedhan.

“Jeetiiwwan kun samii keenya keessa jiru har’a ni argitu,” jedhe Zeleniskiin, xiyyaarota waraanaa lama fuuldura dhaabatee, yeroo kanneen biroo lama ammoo bifa dhiyeenyaan mataa ol balali’anitti.  

Yukireenis biyyoonni ollaa misaa’ela Raashiyaa irraa ittisuuf akka gargaaran gochuuf yaalaa jirti jedhan Zeleniskiin.

Jalqaba waraanni kun irraa eegale waa’ee barbaachisummaa samii keenya Yukireen misaa’ela Raashiyaa fi xiyyaara Raashiyaa irraa eeguu irratti michoota keenya waliin haasa’aa turre,” jedhan Zeleniskiin.  

Yukireen xiyyaarota waraanaa F-16 keessaa muraasa buufata biyyoota alaa irratti kaa’uun haleellaa Raashiyaa irraa eeguu dandeessi jedha qondaalli waraanaa olaanaa Yukireen. 

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Moskoon xiyyaarota waraanaa Yukireen keessatti fayyadaman yoo keessummeessite dhaabbilee biyyoota NATO keessa jiran irratti haleellaa banuuf yaaduu akka dandeessu akeekkachiisaniiru.

Xiyyaarri waraanaa Ameerikaan hojjetame F-16 xiyyaara waraanaa beekamaa ta’ee fi waggoota 50f gamtaa NATO fi humnoota qilleensaa hedduu addunyaa maraaf filannoo ta’eedha.

Beeljiyeem, Deenmaark, Nezerlaandiifi Noorweey ji’oota dhufan keessatti Yukireeniif kanneen keessaa 60 ol dhiyeessuuf waadaa galanniiru .

Pirezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden xiyyaaronni F-16 fayyadaman gara Yukireenitti akka bobbaafaman Hagayya 2023 hayyama kennaniiru jechuun France 24 gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading