ONM-ABO Hagayya 8, 2024
Aanaan Dugdaa onoota Baha Shaggar keessaa tokko yoo taatu, bulchiinsa magaalaa dabalatee gandoota afurtama akka qabdutu himama.
Ona kana keessatti erga sochiin waraana Bilisummaa Oromoo mul’achuu eegalee kaasee sababa waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun maatii hedduun saamamuu, hidhamuu, manneen irratti gubachuu fi ajjeefamuun jabaachuun namoonni hedduun hiraarfamuu dubbatu
Keessattuu maatii qabsaa’otaan ilmaan keessan galchaa jechuun waraanni faashistii PP fi lukkeeleen sirna bilxiginnaa itti babbaafamuun namoota hedduu godaansisuun qe’een onee namoonni waqxii gannaa kanatti waan nyaatanii bulan dhabuun daa’imman hedduun rakkoo gurguddaaf saaxilamuus ONM odeeffateera
Erga sochiin WBO jabaatee kaasee caasaan PP diigamuun itti fufee kan jiru yoo ta’u, lukkeeleen bilxiginnaa onichaas caasaa diigame ijaarra jechuun miidhaa jajjabaa yoo raawwatan, keessattuu gandoota akka Burqaa Dambalii fi kanneen birootti waraanni qubatee jiru namoota maqaan isaanii Mohaammed Amaanoo, Nuuruu Tilmoo fi Masqalee Battee jedhamaniin durfamuun ajjeechaa fi doorsisa raawwachaa jiru jechuun jiraattonni ONM’tti himaniiru.

