ONM-ABO Hagayya 8, 2024
Abdiif gaachanni saba Oromoo WBO fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo goleewwan Oromiyaa cufa keessatti ergamtootaa fi milishoota mootummaa abbaa irree kan Sabboontota ilmaan Oromoo akka bosonuutti adamsee ajjeesuu fi mana hidhaatti guuree hiisisaa oolu irratti tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhachuu itti fufee jira.
Haaluma walfakkaatuun, godina Wallagga Bahaa aanaa Sibuu Siree ganda Addaamoo jedhamu keessatti Hagaayya 6, 2024 WBO fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo milishoota gandaa kan uummata nagaa saamuu fi ajjeesuu kaayyoo ishee taasifatte mootummaa maafiyaa PP’n bobbaafamtee bulchiinsa magaalaa Gabaa Sambataa irraa baatee gara ganda Addaamootti deemaa jirtu irratti haleellaa baneen tarkaanfii keessa deebii hin qabne irratti fudhachuun nama lama battalatti yoo ajjeesu, tokko immoo fayyaa ishee booji’uun qawwee AKM 47 lukkeewwan diinaa irraa dhuunfatee galii mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoof oolchanii jiru.
Humna wal gurmeessitee qe’ee hawaasaa saamuuf bobbaate kanas tarkaanfii guggubduu kanaan of duuba deebisee jira.





