• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Billoo Bosheetti jiraattota hidhaatti guuruun cimee itti fufee jiraachuun ibsame

Aug 11, 2024

ONM-ABO Hagayya 9, 2024

Oromummaa yakka godhanii kan hadheeffatan murnoonni bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa cufa keessatti humna waraanaa qaban hunda uummata Oromoo irratti bobbaasuun ilmaan Oromoo hidhuu, saamuu, ajjeesuu akkasumas qe’ee fi qabeenya uummatichaa barbadeessuu cimsanii itti fufaniiru.

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Billoo Boshee gandoota adda addaa keessatti hidhaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf ibsan.

Hagayya 4, 2024 ganda Boshee Timbaakkoo jedhamu irraa dargaggootni maqaan isaanii:

  1. Daanee Tasfaayee,    
  2. Qixxeessaa Fayisaa fi 
  3. Hinna’uu Daggafaa jedhaman badii tokko malee qabamanii waajjira poolisii onichaatti hidhamanii dararamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himanii jiru.

Haaluma walfakkaatuun, guyyuma kana ganda Gala Gurree jedhamu irraa immoo dargaggoota maqaan isaanii Tamasgeen Amansiisaa fi Addisuu Maaramaa jedhaman qabanii ukkaamsuun hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading