ONM-ABO Hagayya 9, 2024
Murni bilxiginnaa kufaatii dinagdee isa mudatee jiru jalaa ba’uuf uummata Oromoo saamuuf tooftaa adda addaa fayyadamuun uummata Oromoo gidirsaa jiru, ammalleen jabeessee itti fufuun tooftaa baafachaa jira.
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana-Sibuu Magaalaa Mandii keessatti Hagayya 7, 2024 kaabinootaaf hoogganni waraanaa waliin ta’uun akkaataa ittiin uummata baadiyyaa naannichaa irratti saamicha geggessan mari’achaa kan tura yoo ta’u, Bulchaa aanichaa Gammachiisee Sirriiqaa dabalatee gandeen irratti hojjetan waliif qoodaa turuu maddeen keenya gamasii ONM’f ifoomsan.
Akka Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa iccitii keessoo isaanii ba’e odeeffate jedhutti ganda baadiyyaa aanaa Mana Sibuu mara irra deemuun maqaa gibiraan akka sassaban kan mari’atan ganda tokkotti waraana torbaatama torbaatama ramaduun akka eegaluuf jedhan irratti waliif galanii jiraachuu jiraattonni dubbatan.




