ONM-ABO Hagayya 9, 2024
Loltoonni Koloneel Abiy Ahimed gama danda’an hundaan uummata Oromoo irratti dararaa hamaa akka raawwataniif bobbaafamanii kan jiran yoo ta’u, addatti immoo qonnaan bultootaa fi dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun yakka hamaa ta’e irratti raawwachaa jiraachuun ni beekama.
Haaluma kanaan, godina Wallagga Bahaa aanaa Waayyuu Tuqaatti murnoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhuu fi hiraarsuu itti fufan.
Ganda Haroo Caalchis jedhamu irraa Hagayya 7, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Biraanee Eebbisaa
- Xurunee Warqinaa
- Xaayituu Baqqalaa
- Dhaabaa Fiixee,
- Baaccuu Gurmeessaa fi
- Haannaa Misgaanaa jedhaman badii tokko malee ukkaamsanii waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

