ONM-ABO Hagayya 8, 2024
Uummata nagaa ajjeesuu fi dararuun araada kan itti ta’e, bineensi guyyaa saafaa waraanni faashistii PP goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun badii tokko malee adamsee ajjeesaa jiraachuun beekamaadha.
Hagayya 6, 2024 Waraanni sirnichaa, godina Wallagga Lixaa aanaa Mana Sibuu bulchiinsa magaalaa Beenguwaa bakka addaa Toogoo jedhamutti maanguddoo ganna 70 olii abbaa ilmaan saddeetii kan ta’an, nama maqaan isaa Obbo Amantii Jabinaa jedhamu badii tokko malee akka bineensaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesuu jiraattonni gandichaa himan.
Akka jiraattonni ONM dubbise nuuf himanitti, namni kun nama siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabnee fi hawaasa naannoo biratti jaallatamummaa guddaa qabu ta’uun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabda jedhu itti maxxansuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesan jedhuun, gocha dabaa qaama biyyan bulcha ofiin jedhuun nurra ga’aa jiru nama itti himannus dhabnee yaaddoo hamaa keessa jirras jedhanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.
