ONM-ABO Hagayya 9, 2024
Hoogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Kamisa kaleessaa akka himanitti, ummanni Sudaan harka sadii keessaa lama sababa walitti bu’iinsa deemaa jiruun wal’aansa fayyaa barbaaduu akka argachuu hin dandeenye ibsaniiru.
“Namoonni Sudaan keessaa harka sadii keessaa lama waldhabdee deemaa jiruun gara hospitaalaa deemuus ta’e doktora argachuu hin danda’an,” jechuun Teediroos Adihaanoom X irratti dubbataniiru.
“Kana irra darbee namoonni kumaatamaan lakkaa’aman beela mudachaa jiru,” jedhan Teediroos.
Waajjirri Qindeessituu Dhimmoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Mana Maree Nageenyaaf ummata Sudaaniif furmaata nagaa fi waaraa akka argatu gargaaruuf waamicha dhiheesse.
Erga waldhabdeen kun Ebla bara 2023 jalqabee waraanni waraana Sudaan fi RSF gidduutti geggeeffamaa tureen namoota gara 18,800 galaafatee, gara miliyoona 10tti siqan qe’ee isaanii irraa buqqa’uu isaa UN ibseera jechuun CNN gabaaseera.



