• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoorootti finxaaleeyyiin Amaaraa haala suukkaneessaa ta’een namoota 4 ajjeesuun qabeenyaas saaman

Aug 12, 2024

ONM-ABO Hagayya 11, 2024 

Finxaaleeyyiiin Amaaraa Faannoon murna bilxiginnaa waliin ta’uun hawaasa nagaa irratti duguuggaa sanyii guyyaa guyyaan geggeessuun yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne uummata nagaa irratti raawwachuu itti fufuun, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoorootti gochaa suukaneessaa ta’e uummata Oromoo irratti raawwachuun dhagaa’ame.

Finxaaleeyyiin kun aanaa Abee Dongooroo mandheeffatanii hawaasa nagaa guyyaa guyyaan garmalee ajjeesuun qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa buqqisuun dararaa kan jiran yoo ta’u, aanicha ganda Gaareroo bakka addaa Caruu jedhamutti uummata nagaa irratti haleellaa raawwachuun hanga gabaasni kun qindaa’etti namoota maqaan isaanii ammaaf adda hin baane afur ajjeesanii gatuu fi qabeenya uummata gandichaa guutummaatti jalaa saamuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.

Aanichatti humnoonni kunneen irra deddeebiin gochoota suukkaneessoo hedduu fi qabeenya hawaasaa irratti saamicha, akkasumas; mancaatii hamaa ta’e raawwachuun jiraattoonni aanaa Abee Dongoroo yeroo ammaa yaaddoo hamaa keessa kan jiranii fi qaamni isaaniif birmatus ta’e lubbuu isaanii oolchu kan hin jirre ta’uu jiraattonni kun itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading