• Tue. Jan 13th, 2026

Kutaa bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti ergamtootni Bilxiginnaa hawaasa irratti reebicha hamaa raawwatan

Aug 12, 2024

ONM-ABO Hagayya 11, 2024 

Lukkeeleen bilxiginnaa magaalaa Shaggar Siitii keessatti hidhattoota Afaan Oromoo hin beeknee fi milishota hedduu baay’ina namaan walgitu uummata irratti bobbaasuun yeroo gara yerootti ilmaan Oromoo irratti dararaa hamaa ta’e raawwachuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan, magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti ergamtootni maafiyaa PP jiraattota irratti reebicha raawwachuun ibsameera.

Hagayya 9, 2024 magaalicha keessatti milishoonni fi murnoonni bilxiginnaa namoota maqaan isaanii:

  1. Amiiroo Jamaal
  2. Gammachuu 
  3. Amaanee fi
  4. Maammadee kanneen jedhaman irratti reebicha hamaa ta’e raawwachuu maddeen keenya itti dhiyoo jiran eeranii jiru.

Kana malees magaalicha keessatti dukkana dawoo godhachuun maallaqa, bilbilaa fi faayaalee addaa addaa namoota harkaa saamaa jiraachuu maddeen kunneen dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading